Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Tolaa Bariisoon vaayrasii koroonaarraa bilisa ta’a

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon sodaa vaaayrasii Koroonaan kophaatti adda of baasanii turan qorannoo taasifameefiin bilisa ta’uu himameera.

Bu’aa qorannoon bilisa ta’us yeroo addatti tursiifamuu qabu guyyoota 14 xumuruun hojii idileetti nan deebi’a jedhan.

Jaalallii fi hawwii gaariin ummanni koo naaf hawwe milkaa’ee bilisa ta’uu kootti gammadeera jedhan DooktarTolaan.

Taateen kun sabakoo kutannoo caaluun akkan tajaajiluuf hamilee natti uumeera jedhan.

Namoota lammii Jaappaan waliin tuttuqaa qabanii fi qorannoo taasifameen bilisa ta’an keessaa 21 hojjettoota seektara barnootaa ta’uus himameera.

Namni Jaappaan kuni godina Arsiitti manneen barnootaa lama daawwatee ture kan jedhan Dooktar Tolaan, namoonni bakka inni imale kanatti isa waliin tuttuqaa qaban qofaatti hordofamaa jiraachuu himaniiru.

Dooktar Tolaan guyyoota 14’f maatii isaaniis ta’e nama biraa waliin osoo wal hin argin kutaa addaa keessa akka turanis dubbataniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.