Fana: At a Speed of Life!

Doolaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 50 seeraan ala socho’aa ture too’atame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2013 (FBC) –Doolaarri kumni dhibbi fi kumni 50 karaa seeraan alaan gara Sudaanitti ce’uuf socho’aa ture magaalaa Matammaatti too’atame.
Guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii 6:tti namni dhuunfaan Doolaara Ameerikaa kuma dhibba 1 fi kuma 50 magaalaa Matammaa Yoohannisii gara Sudaan galchuuf seeraan ala socho’aa ture too’annoo jala ooluu waajjiri Poolisii magaalichaa beeksiseera.
Sakkatta’iinsaa keellaa Ityoo –Sudaanitti taasiifameen too’atamuu itti gaafatamaan Waajjira Poolisii magaalicha Inispeektar olaanaan Maandafiroo Anilayyi ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.