Fana: At a Speed of Life!

Doolaarri sobaa kumni dhibbi 8 fi kumni 73 fi 900 to’atame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Magaalaa Goondar kutaa bulchiinsa Azazootti Doolaarri sobaa kumni dhibbi 8 fi kumni 73 fi 900 to’atamu poolisiin beeksise.
 
Eeruu ummatarraa dhufeen Doolaarri sobaa kun to’atamuu bulchiinsa magaalichaatti itti gaafatamaan waajjira poolisii buufata 5ffaa Inispeektar Chaalachaw Yeneenahi himaniiru.
 
Namni dhuunfaan tokko garee isaa guutuu waliin to’annoo jala ooluus ibsaniiru.
 
Shakkamaan kun iddoo garaagaraatti maqaa addaddaa fi waraqaa eenyaa garaagaraan waamamaa kan turee ta’uu ibsameera.
 
Maallaqa kana waliin naasiin kiiloogiraamni 9, faayaaleen, albuudoonni fi maashinni doolara sobaa baayy’isu qabamuu isaa Miidiyaan naannoo Amaaraa gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.