Fana: At a Speed of Life!

Dooniin Yuuriyaa kuntaala kuma 520 feete Buufata Jibuutii qaqqabe

Finfinee, Sadaasa 20, 2016 (FBC)- Dooniin Yuuriyaa kuntaala kuma 520 feete Buufata Jibuutii qaqqabuu Koorporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Dabalataa dooniin xaa’oo ‘NPS Booroon’ kuntaala kuma 615 feete boru Buufata Jibuutii kan qaqqabdu ta’uun ibsameera.

Gama biraatiin, hanga Mudde 3, 2016’tti xaa’oo ‘NPS Booroon’ kuntaalli miiliyoona 1 fi kuma 130 buufata Jibuutii akka qaqqabu eeramuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Bara omishaa 2016/17’f xaa’oo biyyee bitamuun Buufata Jibuutii qaqqabe hojiin gara biyya keessaatti geejjibsiisuu hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Kana keessaa yuuriyaa kuntaallii miiliyoona 1 fi kuma 92 ol buufata Jibuutiirraa gara biyya keessatti geejjibsiifamuun qonnaan bultootaa fi yuuniyenootaaf raabsamaa jiraachuun himameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.