Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii ICT Tuunisiyaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaanonni sadarkaa 3ffaan xumuran

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC)- Dorgommii Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo (ICT) Huwaawwee Tuunisiyaatti gaggeeffamerratti Itiyoophiyaanonni sadarkaa 3ffaan xumuruun ibsame.

Dorgommichi Guraandhala 28 hanga Bitootessa 1, 2016’tti kan gaggeeffame yoo ta’u, Itiyoophiyaa bakka bu’uun “Computing Truck” kanneen dorgoman barattoonni sadii Morokoo fi Tuuniisiyaa hordofuun sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

Dorgommicharratti Itiyoophiya dabalatee barattoonni biyyoota Maalii, Kaameeruun, Aljeeriyaa, Tuuniisiyaa, Liibiyaa, Ijiptii fi Morokoorraa baba’an 90 hirmaachuun eerameera.

Itiyoophiyaan gareewwan sadiitti qoodamuun barattoota sagal hirmachisteetti.

Barattoonni dorgommi Tuunisiyaa kana injifatan Yuunivarsiitiiwwan 500 irraa barattoonni kumni 20 ol kan hirmaataan dorgommii marsaa xumuraa bara 2024 Chaayinaatti gaggeeffamurratti ni hirmaatu jedhameera.

Dorgommiin ICT Huwaawwee waltajjii dagaagina hubannoo barattoota Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Idil Addunyaa ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.