Fana: At a Speed of Life!

Dura Taa’aan Gamtaa Afriikaa ammaa fi Preezdaantiin Rippaabilika Dimookiraatawa Koongoo Filiks Sishakiid Finfinnee galan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC)- Dura Taa’aan Gamtaa Afriikaa ammaa fi Preezdaantiin Rippaabilika Dimookiraatawa Koongoo Filiks Sishakiid Finfinnee galaniiru.

Preezdaantichi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee wayita ga’an Ministirri Ministeera Bishaan Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa simataniiru.

Preezdaant Filiks Sishakiid hariiroo biyyoota lamaanii, naannawaa fi marii dhimma hidha haaromsa guddichaarratti mootummaa Ityoophiyaa fi aanga’oota olaanoo waliin ni mari’atu jedhamee eegama.

Preezdaantichi Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan gidduutti hidha haaromsaan walqabatee mariiwwan taa’aman akkaataa itti fufsiisun danda’amurratti ni mari’atu jedhamee akka eegamuu ragaan   Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.