Fana: At a Speed of Life!

Duulli Hojii Misooma Sululaa Godinaalee Oromiyaa adda addaatti eegalame

Finfinnee, Amajjii 2, 2015 (FBC) – Godina Harargee Lixaa fi Jimmaatti Duulli Hojii Misooma Sululaa bara kanaa eegalameera.

Godina harargee Lixaa Aanaa horsiisee bulaa Gumbii-Bordoddeetti hojiin misooma sululaa lafa hektaara kuma 26 ol irratti hojjachuuf karoorfame hojjatamaa jiraachuu Waajjirri qonnaa Aanichaa beeksiseera.

Gandoota aanicha 29 keessatti hojiin kun eegalamuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanichaa Obbo Ahimad Mahaammad ibsaniiru.

Godinuma kana Aanaa Shanan Dhuuggoottis Duulli Hojii Misooma Sululaa fi Kunnuunsa Qabeenya Uumamaa Bara 2015 haala hoo’aa ta’een hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Godina Jimmaa Aanaa Maannaa Gandoota gaaraagaraa keessattis Hojiin misooma sululaa bifa hoo’aa ta’een eegalameera.

Duulli kun mata duree ‘Biyyaa fi Biyyoo Abbaatu eegatas kunuunfatas’ jedhuun gandoota aanichaa 24 keessatti eegalamuu ragaan Biiroo Qonnaa Ormiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.