Fana: At a Speed of Life!

Duulli talaalli farra dhibee koleeraa eegalame

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Duulli talaalli farra dhibee koleeraa eegalamuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa beeksise.

Duulichi godina Gujii Lixaa aanaa Abbayyaatti eegalameera.

Talaallicha itti aanaan daayreektara olaanaa Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa obbo Aschaalaw Abbaayinahi, itti aanaa hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa fi hoggantoonni biroo aanichaatti argamuun eegalchiisan.

 

Duulli farra dhibee koleeraa kun naannoo Oromiyaa, Kibba, Sidaamaa, Soomalee fi Gaambeellaa godinaalee 9 aanaalee 28 keessatti kan laatamu ta’uu obbo Aschaalaw ibsaniiru.

 

Aanaan Abbayyaa aanaa dhibeen kun irra deddeebiin keessatti muula’ate ta’uu ibsameera.

 

Naannoo Oromiyaa dabalatee naannolee 4 keessatti dhibeen kun muul’achuu Inistiityuutichi beeksiseera.

 

Bara 2011 kaasee hanga ammaatti naannolee kanneen keessatti namoonni kumni 17 fi 956 ol dhibichaan qabamuu fi lubbuun namoota 319 darbuu ragaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.