Fana: At a Speed of Life!

Elektiriika biyya alaatif dhiyaaterraa galii Doolaarri miiliyoonni 66.4 ol argameera

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Elektiriika biyya alaatif dhiyaaterraa galii Doolaarri miiliyoonni 66.4 ol argameera.
 
Bara baajataa 2012tti elektiriika Sudaanii fi Jibuutiif dhiyaaterraa galii Doolaarri miiliyoonni 66.4 ol argamuu Humni Elektiriikaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Bara baajatichaatti karoorrisaa Doolaara miiliyoona 56.92 argachuuf ture.
 
Yaata’uutii karooraa ol %116.5 raawwachuusaa beeksiseera.
 
Doolaarri miiliyoonni 37.1 Jibuutirraa, kan hafe Doolaarri miiliyoonni 29.3 ammoo Sudaanirraa kan argamedha.
 
Galiin kun kan bara 2011rra caalmaa Doolaara miiliyoona 11.5 kan qabu ta’uun eerameera.
 
Keeniyaadhaf humna elektiriikaa dhiyeessuun galii dabalataa argachuuf hojjetama ajira.
 
Haaluma kanaan sararri dabarsa elektiriikaa humna guddaa diriirfamaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsi buufata koonvartarii elektiriikaas xumuramaa jira.
 
Yeroo itti aanuttis Somaalee Laand, Taanzaaniyaa, Sudaan Kibbaatif elektiriika dhiyeessuuf ni hojjetama jedhameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.