Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Muummeen Ministira Dooktar Abi Ahimad daa’mmanii fi ijoollee Ityoophiyaaf dabarsan

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) – Ergaa Muummeen Ministira Dooktar Abi Ahimad daa’mmanii fi ijoollee Ityoophiyaaf dabarsan.

Jaallatamtoota daa’mmanii fi ijoollee Ityoophiyaa

Har’a weerara Koronaa ittisuudhaaf Mootummaan keessan maal hojjetaa akka jiruufi isin irraa maaltu akka eegamu isiniif ibsuun barbaada.

Mootummaan kun kan keessanis waan ta’eef.

Ijoolle

Vaairasiin Koroonaa weerara addunyaa irratti dhufedha. Chayinaa irraa ka’ee addunyaa waliin gahaa jira.

Biyyoonni hedduun lammiilee isaanii du’aan dhabaniiru. Biyya keenyattis namoonni 126 Vayirasichaan nu jalaa qabamaniiru.

Qaamaan gargar fagaachuun karaa ittiin iittifamu isa tokkodha. Qaamaan gargar fagaachuu jechuun nama kanbiraa irraa tarkaanfii ijoollee afur fagaatanii dhaabachuu yokaan taa’uu jechuudha.

Irra deddeebi’anii saamunaadhaan harka dhiqachuun mala ittisaa isa lammaffaati. Ijoolle, ganama yeroo kaatan, yeroo taphattanii fi tapha booda, nyaata duraafi booda, carraa argame hundaan saamunaadhaan dhiqadhaa.

Yeroo dhiqattan quba keessan, barruu keessan, quboota keessan gidduu sukkuumaati saamunaadhaan dhiqadhaa.

Manni barnootaa cufamee mana jirtu. Maaloo manaa hin bahiinaa. Manni barnootaa kan cufame waltuttuquudhaan akka isinitti hin darbineef jenneeti.

Isin egeree Ityoophiyaatiif baay’ee ishii barbaachiftu. Kanaaf fayyaa keessan eegaa.

Mana ooluun isin nuffisiisuu danda’a.

Garuu akka isin nujalaa hin dhukkubsanneefi nu jalaa hin duuneef jenneeti. Yeroo mana turtan qu’adhaa, kitaaba dubbisaa, sochii qaamaa godhaa, tapha ijoollee taphadhaa.

Ofeeggadhaa malee hin dhiphatiinaa. Yeroo gaheessonni odeeffannoo adda addaa dubbatan dhageessanii dhiphachuu dandeessu.

Warri keessan yeroo marii’atan isiniin ilaalcha keessa akka galchan itti himna. Dhimmichas akka isinii galutti isiniif akka ibsan adaraan jedhaani.

Jabaadhaa yeroo kana ni ceena.

Uumaan isin waan dhagahuuf Ityoophiyaaf kadhadhaa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.