Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Laamroot akkaataa Aartii fi Feestivaala Aadaa biyyaalessaaf bu’uura ta’uu danda’uun hojjetamaa jira – Obbo Admaasuu Daamxoo

Finfinnee, Ebla 5, 2016 (FBC) – Faanaa Laamroot akkaataa Aartii fi Feestivaala Aadaa biyyaalessaaf bu’uura ta’uu danda’uun hojjetamaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiingi Korpooreetii Obbo Admaasuu Daamxoon ibsan.

Dorgommiin moo’aa moo’attootaa Faanaa Laamroot 4ffaan hoo’aa ta’een gaggeeffamaa jira.

Faanaa Laamroot dhaloota Muuziqaa Haaraa beeksisaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhaloota gara Indaastirii Muuziqaatti galchuun sagantaa Bashannanaa ashaaraa mataa isaa uumuun itti fufa jedhan.

Faanaa Biroodkaastiingi Korporeet Aartiin dhaloota keessatti biyya ta’uun biyya akka ijaaruu kaayyeeffatee hojjechaa jiraachuu Obbo Admaasuun eeraniiru.

Yeroo itti aanus Indaastirii Bashannaanaa dabalataan qabiyyeewwan haaraa odeeffannoo fi beekkumsa of keessatti hammatan qopheessuun daawwattootaa, dhaggeeffattootaa fi dubbiftootaaf kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.