Fana: At a Speed of Life!

‘Faanaa Laamroot’ dhiibbaa uumaa akka itti fufuuf jijjiiramni bu’uuraa taasifamaa jira-Obbo Admaasuu Daamxoo

Finfinnee, Amajjii 6, 2015 (FBC)- Sagantaan damee baashannaanaa televiizhinii Faanaa ‘Faanaa Laamroot’ fudhatamummaa fi dhiibbaa uumaa ta’ee akka itti fufu jijjiirama bu’uuraan dhiyaachuuf ta’uu Hoji Gaggeessaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Obbo Admaasuu Daamxoo beeksisan.

Dorgommiin xumuraa mo’aa mo’attootaa ‘Faanaa Laamroot’ marsaa 3ffaan galmaa Tiyaatiraa fi Aadaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Obbo Admaasuun haasawaa taasisaniin, ‘Faanaa Laamroot’ fudhatama olaanaa argatee, dhiibbaa kan uumu ta’ee, jijjiiramaan dhiyaachuuf ta’uu ibsaniiru.

Qabiyyeen isaas tokkummaa biyyaalessummaa akka qabaatu taasisuuf calallii kaadhimamtootaa hanga dhiyeessitootaatti jijjiirama bu’uuraan, dorgommii ammayyaa’aa fi idil addunyaa akka qabaatutti ijaarsi Istuudiyoo Laamroot eegaluu eeraniiru.

‘Faanaa Laamroot’, waltajjii beekamtii ogeeyyii guddattoota maqaa fi hojiin isaanii hinbeekamne ta’uu eeruun dhiibbaa uumaa fi fudhatamummaan itti fufsiisuuf tumsi ogeeyyii damechaa akka cimu gaafataniiru.

Waltajjiin dorgommii ‘Faanaa Laamroot’ wayiita qophaa’u, miidhagina duudhaa hawaasummaa fi kennaa umamaa eeggatanii dhalootatti akka darbanii, daandiin milkaa’ina kaleessaa dhalootaaf gala akka ta’uu kaayyeffatee ta’uu himaniiru.

Sagantichi kanneen carricha argatan waltajji ka’umsaa, kanneen dagatamaniif yaadannoo fi riqicha ta’uun dargagoota kennaa sagalee qaban horachuu kan danda’eedha jedhan.

Kaayyoo fi ga’umsi isaas dhalootarratti hojjechuun kabaja ogummichaaf tumsaa taasisuuf ta’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis dorgomtootaagidduutti walmorkii gaggeessuun, badhaasa ogummaa fi damechi ogummaanis ta’ee diinagdeen akka dagaagu taasisuu ta’us, badhaasota mo’aa mo’attootaa fi marsaalee jiran irratti jijjiiramaa ogummicha madaalan ni taasifna jedhaniiru.

‘Faanaa Laamroot’ dagaagee sadarkaa kana akka ga’uuf qaamolee deeggarsa taasisan hunda galateeffataniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.