Fana: At a Speed of Life!

FBCfi Komishiniin Farra Malaammaltummaa Federaalaa waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015(FBC)- Faanaa Broodkaastiing Korporeetiifi Komishiniin Farra Malaammaltummaa Federaalaa malaammaltummaa ittisuurratti waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Waliigalticha Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Broodkaastiing Korporeet Obbo Admaasuu Daamxoofi Komishinarri Komishinii Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqaatoon mallatteessaniiru.

Waliigaltichi sosochii biyyattiitti malaammaltummaa ittisuuf taasifamu damee miidiyaan deeggaruuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Malaammaltummaarratti duuluun kan danda’amu ilaalcha lammiilee jijjiiruun ta’uufi Faanaan hojiilee dhaloota ijaaran kan hojjetu ta’uu ibsameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Broodkaastiing Korporeet Obbo Admaasuu Daamxoon, Komishinichi yeroo murteessaa ta’etti miidiyaa sirrii filachuu dubbataniiru.

Yeroo dhiyootti Daayrektoreetii gaazexeessummaa qorannoofi dookumantarii banuun hojiilee qorannoo garaagaraa hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet hojiimaatilee badaa kan saaxiluufi miidiyaa beekumsarratti hundaa’uun hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.