Fana: At a Speed of Life!

Fedhii dhiyeessa Oomisha Daabboo guutuuf Kutaalee magaalotaatti yoo xiqqaate Warshaan Daabboo 2 akka jiraatu hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 7, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti fedhii dhiyeessa Oomisha Daabboo guutuuf kutaalee magaalotaatti yoo xiqqaate Warshaan Daabboo 2 akka jiraatu hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa magaalichaa beeksise.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee waggaan giddu galeessan Warshaalee Daabboof hanga Birrii miiliyoona 800tti deeggarsa taasiisuun Daabboon tokko Birrii 2 fi saantima 10 hawaasaaf akka dhiyaatu hojjechaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Daldalaa Magaalichaa Obbo Masfin Assaffan Faanaa Biroodkaasting Korporeetiif himaniiru.

Warshaa Daabboo Shaggarii fi Warshaa Daabboo Waajjira Giiftii Dureen hojjetamaa jiru dabalatee fedhii dhiyeessa Oomisha Daabboo guutuuf magaalichatti Waarshaaleen 22 akka jiraatan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Sochii daldalaa to’achuun Qaala’iinsa gabaa hir’isuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu Obbo Masfin kaasaniiru.

Waldaaleen Hojii Gamtaa 148 Suuqiwwan 800 qaban jiraachuu fi waldaalee kanneen hanqinni dhiyeessii akka hin mudanneef liqaan Birrii biiliyoonni 1.4 mijachuun oomishaa qonnaa gatii madaallawaan dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Gabaan Dilbataa haalan akka babal’atu qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.