Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukii fi Twiitarri fuula miidiyaa hawaasummaa Traamp irratti tarkaanfii fudhatan

Finfinnee, Adoolessa 30, 2012 (FBC) – Feesbuukii fi Twiitarri fuula miidiyaa hawaasummaa preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp irratti tarkaanfii fudhatan.
 
Miidiyaaleen hawaasummaa lamaan tarkaanficha kan fudhatan preezdaantichi odeeffannoo dogoggoraa waa’ee vaayrasii koroonaa waliin walqabsiisanii dabarsuu isaanitiini.
 
Traamp, daa’imman dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu isaanii olaanaa waan ta’eef vaayrasii koroonaaf hin saaxilaman ergaa jedhu dabarsuu isaanitiini tarkaanfichi kan irratti fudhatameera.
 
Traamp Fooks Televiizhin waliin turtii bilbilaan taasisaniin guutuu Ameerikaatti manneen barnootaa banamuu akka qaban ibsaniiru.
 
Akka sababiittis kan kaasan dandeettin dhibee ofirraa ittisuu isaanii olaanaa waan ta’eefi jedhaniiru.
 
Feesbuukin turtiin bilbilaan preezdaant Traamp taasisan sagaleedhan Feesbuukiirratti kan gadhiifame odeeffannoo dogoggoraa waan ta’eef, sagalicha kaasuusaa beeksiseera.
 
Odeeffannoon sagaleedhan gadiifame dogoggoraa fi imaammata Feesbuukii kan cabses jedhameera.
 
Preezdaant Traamp viidiyoodhan ergaan gadhiisan dogoggora waan ta’eef, preezdaantichi viidiyicha amma kaasanitti fuula Twiitara isaanii ugguruu Twiitarri ibseera.
 
Twiitarris odeeffannoon preezdaantichi gadhiisan dogoggora waan ta’eef, imaammata kiyyarra darbaniiru kanaafan kaase jedheera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Maddi; bbc.com
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.