Fana: At a Speed of Life!

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ijaarsa indaastirii oomisha konkolaattootaaf dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC)- Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ijaarsa Indaastirii oomisha konkolaattootaaf dhagaa bu’uura kaa’aniiru.

Sirnicharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuun, Indaastiriin Raayyaa Ittisaa sadarkaa guddinaa barbaadamurraan ga’uuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ijaarsi Warshichaas faayidaan biyyaa fi dhaabbatichaaf qabaatu olaanaa ta’uus himan.

Dhaabbatichi galii ofii isaa maddisiisuun faayidaa bu’uuraa raayyaa guutuuf kallattiin kaa’amee hojjetamaa akka jiruu eeranii, raayyaan mana akka argatuu fi fayyadamummaa isaa mirkaneessuuf diriirsa bu’uuraalee misoomaa, indaastirii, qonnaa fi albuudarratti abbootii qabeenyaa bobba’an waliin hojjechuuf kallatti kaa’ame kan argisiisuudha jedhan.

Daayrektarri Olaanaa Koorporeeshinii Injinariingii Raayyaa Ittisaa Obbo Geetaachoo Haayilamaariyaam, indaastiriin oomishaa konkolaataa Garee Invastmantii Shirrishirrii walta’uun kan ijaaramu ta’uu himan.

Indaastirichi lafa hektaara 30’rratti kan ijaaramuu fi waggaa tokko keessatti xumuruuf karoorfamuu himan.

Konkolaattoota loltummaa sadarkaa idil addunyaa guutan walitti hidhuu fi oomishuurra darbees pirojekticha babal’isuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Milkaa’ina pirojektichaafis deeggarsaa fi hordoffiin barbaachisaan kan taasifamu ta’uu akeekuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.