Fana: At a Speed of Life!

Filannoo biyyaalessaa 6ffaa ilaalchisee ambaasaaddarootaaf ibsi laatame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa ilaalchisee ambaasaaddaroota fi Dippiiloomaatoota biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnnee godhataniif ibsi laatame.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Dooktar Geediyoon Xiimootiiwoosii fi Waajjira Seekreetariyaat Preesii Muummee Ministiraatti itti gaafatamtuun afaan alaa fi miidiyaa diijitaalaa Billanee Siyyuum ibsa kana laataniiru.
Sababa weerara vaayrasii koroonaan filannoon biyyaaleessa 6ffaan dheerachuun isaa kan yaadatamuudha.
Yaa ta’uutii Ministeerri Fayyaa muuxxannoo idila addunyaarraa argameen of eegannoo barbaachisan taasisuun filannoo gaggeessuun akka danda’amu yaada marii dhiyeesseera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI yaada Ministeerri Fayyaa dhiyeesse fudhachuun filannoon akka gaggeeffamu murtoo dabarseera.
Filannoon biyyaalessaa kun demookraatawaa, haqa qabeessaa fi amanamaa akka ta’uuf qophiin xumuramuu Abbaan Alangaa Waliigalaa Dooktar Geediyoon Xiimootiiwoos ibsaniiru.
Dirree siyaasaa Ityoophiyaa babal’isuuf paartiilee morkattootaaf haalli mijachuu ibsaniiru.
Hirmaannaa dubartootaa gudisuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.