Fana: At a Speed of Life!

Filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf qajeelfamni qophaa’aa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeesa 23, 2013 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qajeelfama weerara vaayrasii koroonaa ittisaa filannoo biyyaalessaa gaggeessuu dandeessisu qopheessaa jiraachuu beeksise.
 
Qajeelfamichi adeemsa filannoo hunda kan hamate ta’uu walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhagsaa ibsaniiru.
 
Qajeelfamichi yaada ogeeyyii seeraa fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundarra walitti qindaa’een qophaa’aa jiraachuu himaniiru.
 
Yaada furmaataa fi galtee qophii qajeelfamichaatti dabaluuf Boordiin Filannoo Biyyaalessaa har’a hoggantoota Paartiilee siyaasaa waliin marii taasiseera.
 
Yeroon filannoo wayita dhiyaate sosochiin paartiilee waan dabaluuf weerara vaayrasii koroonaa irratti hawaasaf hubannoon laatamu fi yaa’insi odeeffannoo si’ataa ta’e jiraachuu akka qabu ibsameera.
 
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa wixinee labsii gabatee yeroo Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa mariif dhiyeessera.
 
Haaluma kanaan galmeen filattootaa xumura baatii Amajjii hanga xumura baatii Gurraandhalaatti, galmeen kaadhimamtootaa jalqaba Gurraandhalaa hanga walakkeessaa gurraandhalaatti, akkasumas yeroon paartiileen komii fi iyyannoo itti dhiyeeffatan jalqaba baatii Gurraandhalaa hanga dhuma baatichaatti akka ta’uuf karoorfamuu ibsameera.
 
Akka wixinee labsii kanaatti yeroon duula filannoo kan gaggeeffamu Xumura baatii Gurraandhalaa hanga xumura baatii Caamsaatti, yeroon sagaleen itti laatamu ammoo Xumura baatii Caamsaa hanga walakkeessa Waxabajjii ta’a jedhame.
 
Yeroo filannoon gaggeeffamu rakkoon nageenyaa akka hin muudanne rakkoo nageenyaa yeroo ammaa iddoo garaagaraatti muul’ataa jiru dhaabbachuu akka qabu paartiileen siyaasaa dubbataniiru.
 
Adeemsa filannoorratti gufuu akka hin taane mootummaan gamanumaan furmaata itti laachuu qaba jedhan.
 
Salamaawiit Kaasatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.