Fana: At a Speed of Life!

Filannoo biyyoolessaarratti dhimma seeraa ka’uu ilaaluuf dhaddachi ni gurmaa’a

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Dhimmoota seeraa filannoo biyyoolessaa Hagayya 2012 keessa gaggeeffamu waliin walqabatee ka’aniif, dhaddachi gurmaa’ufi.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa akka beeksisetti, labsiin lakkoofsa 1162/2012 dhiyeenya ba’e dhimmoota filannoo waliin walqabatee ka’uu malan bal’inaan ilaalera.

Rakkoo naamusaa, galmee filattootaa fi kaadhimamoo, lakkaawwii sagalee, bu’aa filannoo ifoomsuurratti falmii seeraa mudachuu malan bal’inaan kaa’era.

Dhaddacha dhimma filannoo ilaaluu danda’u gurmeessuuf Boordii Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa waliin hojjetamaa jiraachuu itti aanaan preezdaantii Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa 1ffaa obbo Tasfaayee Nawaay ibsaniiru.

Hojichis walabummaa mana murtichaa akka hin dhiibnetti hojjetama jedhaniiru.

Maddi; Tajajaila Oduu Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.