Fana: At a Speed of Life!

Filannoo dhufuu milkeessuuf dhaddachi dhimmicha hordofuu qopheessuun ga’ee qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC)- Filannoo dhufuu milkeessuuf dhaddacha dhimmicha hordofuu qopheessuun ga’ee akka qabu ibsameera.
Mariin dhimmoota filannoo dhufuuf dhaddachaa dhimmicha hordoofuu fi itti gaafatamummaarratti xiyyeeffate gaggeeffameera.
Waltajjicha waloon kan qopheessan mana murtii Federaalaa Waliigalaa fi Boordii Filannoo Biyyoolessaati.
Waltajjichaan labsii filannoo Ityoophiyaa, galmee paartilee siyaasaa fi namuusa filannoo lakkoofsa 1162/2011 ilaalchisee hirmaattootaaf ibsi laatamuun irratti mari’atameera.
Dhaddachi dhimmoota filannoo ilaaluu hundeeffamee bifa kanaan mariin waloo eegaluun filannicha milkeessuuf shoora akka qabu ibsameera.
Waltajjichaarratti itti aanaa walitti qaba boordichaa obbo Wuubshat Ayyalaa, itti aanaan preezdaantii mana murtii waliigalaa obbo Solomoon Araddaa dabalatee preezdaantootaa fi itti aantoota mana murtii naannolee akkasumaas abbootiin murtii hirmaataniiru.
Tizzitaa Dassaleenyitu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.