Fana: At a Speed of Life!

Filannoon dhufu carraa fi rakkoolee kan qabuudha – Dooktar Abiy

Finfinnee, Bitootessa 21, 2013 (FBC) – Filannoon dhufuu carraa fi rakkoolee hedduu kan qabuudha jedhaan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Carraa argametti fayyadamuun jeequmsa uumuu qaamoleen barbaadan jiru jedhan.
Rakkoo uumuun Filannoon amma taasiifamuu hin qabu kanneen jedhan jiraachuu hubatamuu qaba jechuun ibsan.
Dooktar Abiy har’a waltajjii marii ‘addis wag’ jedhamurratti hirmaachuun yaada laataniin,kaayyoon keenya Ityoophiyaa moo’attuu taasiisuuf waan ta’eef Ityoophiyaanoonni hundi tumsa gochuu qabu jedhan.
Marii akka kanaa gaggeessuun alaa rakkoo hubannoo jiru furuuf gaarii ta’uu ibsan.
Filannoo dhufurratti dhimmi ijoon ummanni tasgabbiin ba’ee akka hin falanne taasiisuuf shira xaxamaa jiru ta’uu qaba jedhan.
Qaama nageenyaaf yeroon odeeffannoo laachuun rakkoo uumamuuf malu ittisuun akka danda’amu himan.
Dooktar Abiy,filannoon dhufu kan baroota darbanii caalaa bu’aa fooyya’aa qaba jedheen amana jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.