Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee fakkeenya Badhaadhinaa Itiyoophiyaa fi Afrikaa taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Obbo Adam Faarahi

Finfinnee, Bitootessa 15, 2016 (FBC) – Finfinnee magaala fakkeenya Badhaadhinaa Itiyoophiyaa fi Afrikaa taate taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahin ibsan.

Magaalaa olaantummaa seenessa waloo fi walitti hidhamiinsi itti mirkanaa’u taasisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Konfirensiin Miseensota Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘ Guddina Itiyoophiyaaf jecha gochaan’ jedhuun gaggeeffamuu eegaleera.

Konfirensii Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jiru kanarratti Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahi, Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Itti Gaafatamaa Waajjira Paarii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogas Baalchaa dabalatee hoggantoonni olaanoon argamaniiru.

Konfirensichaan raawwii hojii bara Filannoo Walakkaa miseensota Paartichaa gamaaggamamuu eerameera.

Damee Qonnaa, Ashaaraa Magariisaa, Indaastirii Oomishaa, Albuudaa, ICT fi Turizimiin bu’aa hedduun argamuu ibsameera.

Tokkummaa sabdaneessaa Duudhaa Obbolummaan ijaaramee fi hawaasa siyaasa hundagaleessaa ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Magaalaa Finfinnee magaala Seenessi waloo itti mirkanaa’e, hammataa, haqa qabeessa, tokkummaa sabdaneessaa fi obbolummaa itti dagaage taasiisuuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu Obbo Adam Faarshin dubbataniiru.

Paartiin Badhaadhinaa nageenya waaraa mirkaneessuuf filannoowwan nageenyaa jiran hunda fayyadamuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.