Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen argisiftuu guddinaa fi badhaadhina magaalota Ityoophiyaa akka taatu hojjechaa jirra-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) –Finfinneen magaalaa fi mana hunda keenyaa, giddugala dippilomaasii idil addunyaa fi argisiftuu guddina fi badhaadhina magaalota Ityoophiyaa akka taatu hojjechaa jirra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Aadde Adaanech, Miseensota Hawaasa Diyaaspooraa, mana qopheessaa fi proojektoota meeggaa magaalichatti hojjetamaa jiran daawwachiisaniiru.
Hojiin haaromsa mana qopheessa magaalichaa gaggeeffame sadarkaa dippilomaasii magaalichaa kan guddise ta’uu kaasaniiru.
Seenaa fi hangafummaan gamoochaa utuu hinjijjiiramiin haaromsi akka taasifames himaniiru.
Kana malees proojekta yaadannoo Adwaafi kanneen biro daawwachiisaniiru.
Finfinneen magaalaa fi mana hundaa, giddugala dippilomaasii idil addunyaa fi argisiftuu guddina fi badhaadhina magaalota Ityoophiyaa akka taatuuf, hojiilee misooma waaraa jalqabaa, kanneen jalqabaman ammoo xumuruun cimee itti fufa jechuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarra argmae ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.