Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti ayyaanni Masqalaa kabajamee hanga xumuramutti sochiin doqdoqqee dhorkame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC)- Ayyana Daamaraa fi Masqalaa Wiixataa fi Kibxataa dhufu kabajamu nagaan kabajame hanga xumuramutti sochiin doqdoqqee akka hinjiraanne murtaa’e.

Ejensiin Bulchiinsa Tiraafikaa Dilbata sa’aatii 7:00 eegalee hanga Kibxata galgala sa’aatii 12:00tti sochiin doqdoqqee kamuu magaalattii keessaa dhorkamuu beeksiseera.

Haaluma kanaan konkolaachistoonni doqdoqqee eegganno barbaachisaa akka taasisan hubachiiseera.

Konkolaachistoonni doqdoqqee murtoo kenname darban irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu eeruu ragaan eejensicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.