Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti balaa Ibiddaa mudateen lubbuun namoota 2 darbe

Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti balaa Ibiddaa Hoteela tokko mudateen lubbuun Imaltoota 2 darbuu ibsameera.

Kutaa Magaalaa Eekkaa aanaa 9 naannawaa Buufata Konkolaataa Laambarat jedhamutti balaa Ibiddaa muudateen lubbuun namoota kanneenii darbuu Hoggansa Sodaa Balaa Ibiddaa Magaalaa Finfinneetti ogeessi Hariiroo Ummataa Obbo Nigaatuu Maammoon ibsaniiru.

Dargaggoonni Siree qabatanii Hoteela buluuf turan kanneen Umriin isaanii waggaa 26 fi 24 dhiirri fi dubartiin lubbuun darbuu eeraniiru.

Yohaannis Darribawutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.