Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti dhaabbiileen garaagaraa barattootaf deeggarsa haguugduu afaanii fi funyaanii miiliyoona 5 taasisan

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC)- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti dhaabbiileen garaagaraa barattootaf haguugduu afaanii fi funyaanii miiliyoona 5 fi kuusaa bishaanii (roottoowwan) kuma 3 deeggarsa taasisaniiru.

Bulchiinsi magaalicha barattootaf nyaata, meeshaalee barnoota, borsaa (korojoo), kophee akkasumas barattoonni vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamneef ammoo maaksii dhiyeessuuf sagantaa galii walitti qabuu gaggeessa jira.

Deeggarsicha dhaabbilee kanneen harka Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay harka fuudhaniiru.

Obbo Zhaanxiraar Abbay, deeggarsichi barattoonni weerara vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamnee shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Dhaabbilee deeggarsa taasisanis galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.