Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti hojimaanni konkolaachistoonni ga’umsa hin qabne eeyyama akka hin arganne taasisu hojiirra oolufi

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti hojimaanni konkolaachistoonni ga’umsa hin qabne eeyyama konkolaataa akka hin arganne taasisu hojiirra oolufi.
 
Magaalaan Finfinnee sababii hanqina ga’umsa konkolaatatiin balaa tiraafikaa mudatu hambisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
 
Sanaafis sirna to’annoo ga’umsa konkolaachisummaa diriirsuuf hojjechaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eeyyamaa fi To’annoo Konkolaataa fi Konkolaachistootaa Finfinnee beeksiseera.
 
Sirni diriirfamus namni ga’umsa hin qabaatin eeyyama konkolaachistummaa akka hin fudhanne taasisa.
 
Abbaa taayitichaatti hoji gaggeessituun damee konkolaachistummaa aadde Hullu’agarish Tafarraan ga’umsa malee eeyyamni laatamaa turuu eeruun nu qaqqabaa tureera jedhu.
 
Sirnichi amma yaalirra kan jiru yammuu ta’u, bara baajatichaatti hojiirra ni oiola jedhan.
 
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.