Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti ijaarsa gamoowwan dabalataa mana barumsaa Jaarraa Abbaa Gadaaf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ijaarsa gamoowwan dabalataa mana barumsaa Jaarraa Abbaa Gadaaf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Manni Barumsaa Jaarraa Abbaa Gadaa kutaa magaalaa Boolee keessatti kan argamu yoo ta’u, mana barumsichaaf ijaarsi gamoo kutaa barnootaa, gamoo bulchiinsaa, mana kitaabaa fi tajaajila laabiraatooriif oolu kan ijaaramu ta’uu ibsameera.

Ijaarsi kun dandeettii barattoota simachuu 405 irraa gara 1500tti kan guddisu ta’uu eerameera.

Rakkoo uummataa ariifachiisaaf dursa kennuun furaa jirachuu fi manni barumsichaas qaama tokko ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen saganticharratti ibsaniiru.

Barattoonni afaan dhaloota isaaniin barachuun fudhatamummaa idil addunyaa kan argatee fi mirga heera mootummaan kennameef ta’uu eeruun, naannolee biyyattii biroo keessatti afaan dhalootaan barnoonni laatamaa jiraachuu kaasaniiru.

Magaalaa Finfinnee keessattis barattoonni afaan Amaaraan qofa osoo hin taane afaan biyyoota garaagaraan barachaa jiraachuu, mooraa mana barumsaasaanii keessatti alaabaa biyyasaanii fannisaa fi faaruu biyya isaanii faarfachaa jiraachuu addeessaniiru.

Afaan isaanii keesaa tokko kan ta’e Afaan Oromoonis barachuu erga eegalanii oolanii buluu ibsaniiru.

Haa ta’u malee qaamoleen tokko tokko kun akka dogoggoraatti waan hojjetame fakkeessuun ajandaa siyaasaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Qaamoleen gocha kana raawwatan gocha isaaniirraa akka of qusatan ta’uu baannaan bulchiinsi magaalichaa tarkaanfiin seeraa fudhachuuf kan dirqamu ta’uu kaasaniiru.

Bakkeewwan barnoonni Afaan Oromoon itti laatamu bakkeewwan magaalattiin itti guddachaa fi bal’achaa dhufte; afaan ibsituu aadaa fi eenyummaa dhaloota  naannoo sanaa ta’uu fi  barattoonni ijoolleen afaan sanaa sodaachaa guddachuu akka hin qabnee fi bilisummaan afaan dhaloota isaaniin barachuu akka qaban eeraniiru.

Kanaan dura magaalaa Finfinnee keessa kaarikulamiin Afaan Oromoo waan hin turreef sirna barnoota Oromiyaa fayyadamaa turuu yaadachiisuun, yeroo ammaa sirni barnoota Afaan Oromoo itti barsiifamu qophaa’ee xumuramuu ibsaniiru.

Finfinneen Ityoophiyaanota qofaaf osoo hin taane Afrikaanotaa fi dhaabbilee idil addunyaaf mana gaarii ta’uu ibsuun, ijoollee ishee kan saalfachiistu akka taatuuf qaamoleen tattaafatan dogoggora bu’uuraa hojjechaa waan jiraniif ariitiin of sirreessuu qabu jedhaniiru.

Ijaarsi gamoowwan kanneenii waggaa tokko keesatti xumuramuun tajaajilaaf kan ga’u ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.