Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti namni shiboo elektirikaa hateen xaxamee kufe poolisiin to’atame

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC ) – Finfinneetti namni shiboo elektirikaa hateen xaxamee kufe poolisiin to’atame.

Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Boolee aanaa 6ffaa bakka addaa Aamchee jedhamuun waamamutti shakkamaan hojjetaa gamoo ijaarsa irra jiruu tokko fakkaachuun seene.

Qajeelcha poolisii kutaa bulchiinsa Booleetti Itti gaafatamaa Qorannoo Yakkaa kan tahan itti aanaan inispeekteraa Salamoon Asaffaa, shakkamaan halkan gaafa Amajji 13 bara 2021 dhokatee gara gamoo ijaarsa irra jiruutti seenu ibsan.

Ganama barii naannoo sa’a 12: 40 yeroo tahu shakkamaan shiboo elektirikaa sarara ibsaa diriirsuuf qophaa’e irraa gara meetira 40 kan tahu kutuun mudhiii isaatti marate.

Isa irratti ammoo jaakkeettii uffachuun mooraa sana keessaa akka bahe poolisin kan himan.

Hojiin ijaarsa gamoo sanaa sa’a 24 waan taheef namootni eegumsa irra turanis hin shakkine.

Namootni tarkaanfii nama kanaa shakkan dhaabachiisuun yoo gaafachuuf jedhan miliquuf jedhee osoo fiiguu shuboon mudhiitti maratee ture hiikkachun isa xaxee kuffisa.

Sana booda namootni isa duukaa bu’an bakka kufetti qabanii waajjira poolisiiti akka dhiyeessan komishiniin poolisii magaalaa Finfinnee ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.