Fana: At a Speed of Life!

Foolii fi Aarri Warshaa Simmintoo Kuyyuu miidhaa nurraan ga’aa jira – jiraattoota Aanaa Kuyyuu

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Foolii fi Aarri warshaa Simmintoo Kuyyuu keessaa ba’u rakkoolee garaagaraaf isaan saaxiluu jiraattoonni aanaa Kuyyuu komatan.

Foolii fi Aarri warshicha keessaa ba’u rakkoo fayyaa hammaataa fi hawaas diinagdee biroof isaan saaxiluu jiraattoonni kunneen Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Qabeenya beelladaarrattis rakkoo fayyaa hamaa geessisaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhukkeen warshaa kana keessaa ba’u oomisha miidhaanii fi marga dheedumsaarra qubachuun miidhaa qaqqabsiisaa akka jiru eeraniiru.

Waggootaaf Qaama dhimmi ilaallatu hundaaf komii kana dhiyeessaa turanis hanga ammaatti fala argachuu akka hin dandeenye dubbataniiru.

Komiin hawaasaa dhugaa ta’uu fi abbaan qabeenyichaa furmaata waaraa akka itti laatu yeroo garaagaraatti barreeffamni of eeggannoo laatamaafii turu Dursaan Garee Eeggumsa Naannoo Abbaa Taayitaa Eeggumsa naannoo Aanaa Kuyyuu Obbo Tolasaa Abbabaan FBCtti himaniiru.

Dhimmicha ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa turus hanga ammaatti furmaata kan hin arganne ta’uu Obbo Tolasaan dubbataniiru.

Foolii fi aarri kun miidhaa akkamii akka qaqabsiisu qoratamaa jiraachuu kaasaniiru.

Warshaan kun warshaa dubbatti hafaa teeknooloojii ammaayyaa hin qabne ta’uu himaniiru.

Komiin hawaasaa sirrii ta’uu fi warshichi naannoorratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu Bulchaan Aanaa Kuyyuu Obbo Girmaa Yilmaan ibsaniiru.

Warshichi adeemsa isaa akka sirreessu yeroo hedduu akeekkachiifni laatamaafii turuu fi yookaa akka cufamu murtoon darbuu ibsaniiru.

To’annoo fi hordoffii idilee yeroo sadiif gaggeeffameen foolii fi aarri warshicha keessaa ba’u faalaama guddaa qaqqabsiisaa jiraachuu adda ba’uu fi mirkanaa’uu Bakka Bu’aan Daayrektara Daayrektoreetii To’annoo fi Hordoffii hojiirra oolmaa seerota eeggumsa naannoo Abbaa Taayitaa Eeggumsa Naannoo Oromiyaa Obbo Caalii Ayyalee FBCtti himaniiru.

Miidhaa qaqqabsiisaa jiru bu’uura godhachuun bara 2014 gara dhumaatti warshichi akka cufamu taasiifamuu kaasuun, yeroo booda deebi’ee hojii eegaluu himaniiru.

Ammas jijjirrama kan hin fidni ta’uu isaan, oodiitiin naannoof hawaasaa akka gaggeeffamu taasiifamuun bu’aan ooditiis warshichi miidhaa jabaa qaqqabsiisaa jiraachuu mirkanaa’uu himuun, yeroo 2ffaaf tarkaanfiin cufiinsaa akka fudhatamu murtaa’uu dubbataniiru.

Haaluma kanaan hanga Gurraandhala 30, 2015tti akkaataa kallattiin kaa’ameen yoo of hin sirreessine kan cufamu ta’uu Obbo Caaliin himaniiru.

Warshichi bu’uurumarraa wayita hundaa’u haalli itti eeyyama argate dogongora qabaachuu fi hanqina Teeknooloojii qabaachuu ibsaniiru.

Miidhaan keemikaalaa warshichi qaqqabsiisuu danda’u hanga ammaatti kan hin qoratamne ta’uu himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.