Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin biiznasii Afrikaa 3ffaan Finfinneetti taa’amaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Fooramiin biiznasii Afrikaa 3ffaan Finfinneetti taa’amaa jira.
 
Fooramichi qopheessummaa Koomiishinii Diinagdee Afrikaatini taa’amaa kan jiru.
 
Waltajjichi mata duree ” Ummata, plaaneetii fi badhaadhinarratti invast gochuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Diinagdee Afrikaa Dooktar Veeraa Soongiween baniinsa fooramichaarratti haasaa taasisaniiru.
 
Hoggansi biyyoota addaddaa fi bakka buutonni dhaabbilee idil addunyaa fooramii kanarratti hirmaachaa jiru.
 
Preezdaantiin Ziimbaabuwee Emmarsan Manaangaagiwaan haasaa taasisaniin Afrikaa ceesusuuf dameen inarjii murteessada jedhan.
 
Qoqqobbiin Ziimbaabuweerra kaa’ame biyyattiin abbootii qabeenyaa biyya keessaa qofarratti akka maxxantu taasiseera jedhan.
 
Fooramii kanaan jijjiirrama qabeenya qilleensaa, qormaata egeree Afrikaa, dhiyeessii inarjii, eegumsa fayyaa, anniisaa haaromu, oomisha dawaa fi meeshaalee yaalaa, bulchiinsaa fi misooma gara fuula duraarratti ni mari’atama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.