Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Invastimantii Anniisaa haaromuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Fooramiin Invastimantii Anniisaa haaromuu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramicha Ministeerri Bishaanii fi Inarjii dhaabbanni Inarjii Afrikaa tumsaan qopheessuu eerameera.

Ummanni Ityoophiyaa dhiyeessii Humna Elektirikaa akka argatu mootummaan damee dhuunfaa hirmaachisuuf hojii humna jiru adda baasuu, Uwwisa Imaammataa fi seera qopheessuun abbootii qabeenyaaf haal duree mijeessaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuun Ittafaan ibsaniiru.

Damee Anniisaa Ji’ootarmaalii, Bubbee fi Aduuratti hojjechuuf dhaabbileen garaagaraa fedhii agarsiisuu ministirichi himaniiru.

Dhaabbileen kanneenis gara hojiitti galchuuf sochiin eegalamuu dubbataniiru.

Fooramichi guyyoota lamaaf kan turu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.