Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Invastimantii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar gaggeeffame

Fooramiin Invastimantii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 20, 2016 (FBC)-Fooramiin investimentii Bulchiinsaa magaala shaggar Abbootii Qabeenyaa Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar hirmaachise Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

FFooramicharratti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan, bakka investimentiin jirutti guddina dinagdee biyyaafa gumaacha olaanaa qaba.

Fooramiin invastimanti kun carraa bal’aa kan uumuu fi bu’a qabeessuummaan sochii invastimantii magaalichaa kan dabalu ta’uu ibsan.

Ittaanaa Kantiibaa fi Qindeessaa Kilaastara Diinagdee Magaala Shaggarii Obbo Guyyoo Galgaloo, Magaalaan Shaggaritti hordoffii fi deeggarsa invastimantii taasisuun abbootii qabeenyaa bu’aa qabeesumma invastimantii beekuun ofirra darbee lammileef fi dinagde biyyaa keessatti gahee olaanaa bahachuu danda’u uumuuf hojjatamaa jira jedhan.

Fooramicharratti ciminaa fi hanqinalee jiran furuun walta’iinsaan hojjechuun akkaata dandanda’amurratti kallatti kaa’uuf kan kaayyeeffate ta’uu himuu ragaan kominikeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti abbootii qabeenya biyya keessaa fi alaa pirojaktoota kuma 4 fi 144 irratti kan hirmaachaa jiraachuun eerameera.

Abbootiin qabeenyaa kunneen kaappitaala Birrii biliyoona 149 kan galmeesiisan yoo ta’u, gosa hojii maanifakchariingii, kenna tajaajilaa, qonnaa fi bu’aalee qonnaa irratti hirmachuun, namoota kuma 170 oliif carraa hojii kan uumaan ta’uun ibsamera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.