Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Nageenyaa Dubartoota Afrikaa 3ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 2015(FBC)- Fooramiin Nageenyaa Dubartoota Afrikaa 3ffaan guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Sagantaa baniinsa fooramichaarratti Pireezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee dabalatee dubartoonni Afrikaa hooggansa olaanaa irratti argaman akkasumas adeemsa ijaarsa nageenyaarratti warreen dhiibbaa uumuu danda’an argamuu ibsameera.

Kaayyoon fooramichaa gahee dubartoonni ijaarsa nageenyaarratti qaban guddisuu ta’uu eerameera.

Fooramichi hanga guyyaa boruutti kan itti fufu yoo ta’u tarsiimoowwan ijaarsa nageenyaarratti hirmaannaa dubartootaa guddisuu danda’an haala bocuun danda’amurratti mariin kan gaggeeffamu ta’uu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.