Fana: At a Speed of Life!

Fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa invastimantii alaa harkisuuf carraa uuma jedhame

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Fooyya’iinsa diinagdee biyyaa keessaa irratti taasifamaa jiru invastimantii biyya alaa harkisuuf carraa kan uumu ta’uu itti aanaan muummee ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin dubbatan.

Obbo Dammaqaan yaa’ii invastimantii Briitaaniyaa -Afrikaa Landanitti gaggeeffame ilaalchisee ibsa laataniin, tarkaanfiin fooyya’iinsa diinagdee eegalame invastimantii alaa bal’inaan harkisuuf caalmaatti kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Fooyya’iinsi fudhatamaa jiru naannoo invastimantii fi daldalaatti ulaa jiru guutuun bu’aa fooyya’aa fi ariifataa galmeessuuf kan gargaarudha jedhan.

Keessattuu dameewwan dhiyeesssii humnaa fi loojistikiin fooyya’iinsi taasiifamaa jiru invastimantii alaa kallattiin hawwachuu keessatti qooda guddaa akka qabu obbo Dammaqaan eeraniiru.

Gorsaan olaanaan imaammataa muummee ministiraa obbo Maammoo Mihiratuun gama isaanitiin, fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa irratti taasifamaa jiru hirmaannaa damee dhuunfaa dabaluuf carraa gaarii ta’uu fi abdii kan uumuudha jedhan.

Fooyya’iinsi taasifame invastimantii hawwachuu irra darbee adeemsa raawwii keessatti rakkoo qunnamu hiikuuf humna ni ta’a jedhaniiru.

Yaa’iin invastimantii Briitaaniyaa – Afrikaa walitti hidhamiinsa daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa fi Ingiliz caalmaatti guddisuuf carraa kan uumu ta’uu obbo Maammoon dabaluun ibsaniiru.

Waltajjicha irratti murteewwan invastimantii haaraan dhiyeessa damee albuudaa fi ji’ootarmaalii ifoomuu isaa ragaan Waajjira Itti Aanaa Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.