Fana: At a Speed of Life!

Fuulduratti hojmaneen ijoon akka paartii biyya bulchuutti bilisummaatti sirnaan fayyadamuu fi hogganuudha-Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC)- Fuulduratti hojmaneen ijoon akka paartii biyya bulchuutti bilisummaatti sirnaan fayyadamuu fi hogganuurratti hojjechuu ta’uu Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi.
 
“Injifannoowwan cimsuu fi qormaatilee ce’uu” mata duree jedhuun guyyoota sadiif waltajjiin marii gaggeeffamaa ture kallattiiwwan fuulduree kaa’uun xumurameera.
 
Waltajjicharratti ergama hoggansa, dhimmoota nageenyaa fi misoomaa irratti marii bal’aan gaggeeffameera.
 
Xumura waltajjichaarratti Ittaanaan Pireezidaantii fi Itti Gaafatamaan Waajjiraa Muummee Paartichaa Obbo Adam Faaraahi yaadaa fi gaaffilee hirmaattotaraa ka’aniif deebii fi ibsa bal’aa kennaniiru.
 
Qaala’iinsa jireenya, carraa hojii uumuu, kenniinsa tajaajila mootummaa fi dhimmoota tikaa fi nageenyaa ilaalchisanirratti paartichi xiyyeeffannaan akka hojjetu dubbataniiru.
 
Qajeeltoowwan paartichi dursee eegale bu’uureffachuun hojmaata dhaabbatummaa gaggeesse cimsee itti fufsiisuun ummata biratti fudhatamummaa paartichaa guddisuu fi dandeetti mootummaa cimaa uumuun akka barbaachisu eeraniiru.
 
Kana cimsuufis ilaalchaa fi gochaan tokkummaa hoggansaa cimsuun tokkummaa sabdaneessummaan yaadama biyyummaaf humna ta’uu akka qabu kaasaniiru.
 
Yaadamni siyaasaa Paartii Badhaadhinaa furmaata rakkoolee biyyaalessaa fi ummataa akkasumas bu’uuraIityoophiyummaa akka ta’an, qabiinsa mirga namoomaa guddisuu fi siyaasa keessatti hirmaannaa siyaasaa fi misoomaa guddisuun barbaachisaadha jedhan.
 
Paartichi ga’umsa caasaa isaa guutuu sakatta’uun hanqinaalee dandeettii hoggansaa sirreessuun, qaawwaa keessoo qajeelchuu fi haala qajeetoorraatti bu’uureffateen hojiilee gaggeeffamaan saffisiisuun, jijjiirama guddina biyyaa eegalame itti fufsiisuun fudhatamummaa ummataa guddisuun akka barbaachisuu hubachiisaniiru.
 
Kanumaan walqabatee, bilisumma akka biyyaatti dhufe fayyadamuu ilaalchisee hanqinni bal’aan akka jiruu fi paartichi, bilisummaa kabajuu fi kabachiisuu kan mariif dhiyeessu akka hintaane kaasaniiru.
 
Akka paartii biyya bulchuutti bilisummaa sirnaan itti fayyadamuu fi hogganuu irratti hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.
 
Haaluma walfakkaatuun, bilisummaa paarticha keessatti hojiirra oolchuu fi hoggansii fi miseensi bilisummaa gonfachuun yaadaa isaanii dhiibbaa tokko malee akka tarkaanfachiisaa itti fufan hubachiisaaniiru.
 
Akka biyyaatti dimookiraasii, haqaa fi dhaabbileen abbootii murtii bilisummaa fi walabummaan hojiilee isaanii cimsanii hojjechuu akka qaban hoggantoota hirmaattotaaf kaasuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.