Fana: At a Speed of Life!

Gaaboon Gurgurtaa kaarbooniirraa Yuuroo miiliyoona 275 argachuuf karoorfatte

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Gaaboon bosonaa ishee gabaa kaarbooniif dhiyeessuun galii Yuuroo miiliyoona 275 argachuuf karoorfachuu beeksifte.

Biyyattiin galii ishee kana kan milkeessuuf jirtu baatii Sadaasaa keessa Kaayirootti yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffamuun asitti jedhameera.

Barana Ruwaandaatti yaa’ii biyyoota badhaadhina waloo gaggeeffamee irratti Gaaboon uwwisa bosonaa isheerraa galii waaraa maddisiisu akka barbaaddu fi sagantaa misooma bosonaa ishee akka cimsitu Ministirri Eegumsaa Naannawaa Biyyattii Lii Waayit eeraniiru.

Gaaboon gurgurtaa kaarbooniirraa fayyadamtuu kan taatu, bu’uuruma waliigaltee jijjirama qabeenya qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin ta’uun eerameera.

Gaaboon manca’iinsi bosonaa akka hinbabal’anne tattaffii taasisteen biyya Afrikaa jalqabaa deeggarsa maallaqaa argatte ta’uun eerameera.

Biyyattiin bara Faranjootaa 2019 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanniin kan deeggaramu “Inisheetivii bosonaa giddugaleessa Afrikaan” Doolaaraa miiliyoona 17 argachuun eerameera.

Inisheetivichi waggootaa ittaanaan 10 jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti kan hojjetan waliigalaan deeggarsa Doolaara miiliyoona 150 taasisuuf karoorfachuun ifoomsuu himameera.

Gaaboon biyya Ameerikaa Kibbaa Suuriinaamitti aansuudhaan uwwisa bosonaa addunyaarraa sadarkaa 2ffaarratti kan argamtu yoo taatu, fuulduratti tarree biyyoota gurgurtaa kaarbooniin gabaa olaanaa qabaanii akka hiriirtu ‘Biluumbargii’ fi ‘The African Report’ gabaasaniiru

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.