Fana: At a Speed of Life!

Gaambeellaatti jijjiiramni sa’aatii hojii baatii sadiif turu taasifame

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Naannoo Gaambeellaatti ho’ina dabalaa dhuferraan kan ka’e borurraa eegalee hojiirra kan oolu sa’aatii hojii mootummaarratti jijjiirramni taasifamuu Manni Maree Bulchiinsaa Naannichaa beeksise.

Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Naannichaa Obbo Piitar Howu akka jedhanitti, ho’inni dabaluun hojiif mijataa waan hintaaneef borurraa eegalee baatiiwwan sadiif kan turu jijjiramni sa’aatii taasifameera.

Haaluma kanaan sa’aatiin hojii idilee ganama sa’aatii 1:00 hanga 6:30’tti kan ture, amma ganama sa’aatii 1:00 irraa hanga 5:30’tti ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas sa’a booda sa’aatii 9:00 hanga 11:30’tti kan ture sa’aatii 10:00 hanga 12:30’tti akka ta’uu murtaa’uu ibsaniiru.

Jijjiiramni sa’aatii kunis Godina Maajaang Aanaale Mangashii fi Goodarree akka hin ilaallannes ibsaniiru.

Jijjiirama kanaan hojjettoonni mootummaa sa’aatii hojiitti mana hojiitti argamuun hojii idilee isaanii akka gaggeessan Obbo Piitar hubachiisuu ragaan kominikeshinii naanichaarraa argame ni mul’isa.

#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.