Fana: At a Speed of Life!

“Gaazee Masqaalaa” fi “Oyidaa Yoo’oo” Saawulaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Ayyaanni “Gaazee Maasqaalaa” fi “Oyidaa Yoo’oo” sablammii Gofaa Magaalaa Sawulaatti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfiin Charinnat, aadaa fi seenaa Ityoophiyaa misoomsuu fi fayyadamuun dhaloota itti aanuuf dabarsuun hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Itti Waamamaa Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigee gama isaaniin, hambaalee fi aadaa kiliyyaa qindeessuun guddisuun yoo danda’ame tokkummaa fi badhaadhummaa Ityoophiyaa caalmaan guddisuun akka danda’amu eeraniiru.

Ityoophiyaa guddisuuf lammiileen hunduu damee hojii bobba’aniitti bu’aa waloof hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Bulchaan Godina Gofaa Dooktar Geetinnat Bagaashaa, aadaa fi hambaalee sablammii Gofaa fi Oyidaa godinichatti argamanii guddisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojiilee bal’aan hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Ayyanicharratti mariin aadaarratti xiyyeeffatee, bakka qondaaltonni mootummaa federalaa fi naannoolee akkasumas keessummonni biroon argamanitti gaggeffameera.

Maatiwoos Fallaqaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.