Fana: At a Speed of Life!

Gaazexeessaa Shifarraa Taaddalaan du’aan boqote

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015 (FBC) – Gaazexeessaan duraanii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Shifarraa Taaddalaan dhukkubaa tasaa mudateen du’aan boqoteera.

Shifarraa Taaddalaa, haadha isaa Aadde Tsiggee Shifarraa Baayyuu fi abbaa isaa Taaddalaa Gulummaa irraa bara 1975 Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Daawoo, ganda Ulmaa Buusaatti dhalate.

Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Buusaatti, sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Hibrat Fireetti barateera.

Barnoota Seenaan Yuunversiitii Finfinnee irraa digirii jalqabaan, Digirii 2ffaa Yuunivasriitii Arsiitti xumureera.

Gaazexeessaa Shifarraa Taaddalaa Barsiisummaarraa hanga manneen hojii garagaraattii itti gaafatamuummaan kan hojjete yoo ta’u, Gurraandhala bara 2000 irraa eegalee hanga Fulbaana bara 2002’tti Faanaa Biroodcastiingi Koorporeetitti Ogummaa Gaazexeessummaan tajaajileera.

Akkasumas OBN’tti sadarkaa Gargaaraa Qopheessaarraa irraa hanga Daaryektaraatti tajaajileera.

Gaazexeessaa Shifarraa Taaddalaa maatii fi ijoollee 2 yoo ta’u; dhibee tasaa isa mudateen umrii 40ffaa isaatti du’aan boqoteera.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet du’aan boqochuu Gaazexeessaa Shifarraa Taaddalaan gadda itti dhaga’ame ibsaa maatii, firoottaanii fi hiriyootan isaaf jajjabina hawwa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.