Fana: At a Speed of Life!

Gaazexeessaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeet qorannaa taasifameefin bilisa ta’uun mirkanaa’era

Ityoophiyaatti lammii Jaappaan vaayrasiin koroonaa irratti argame waliin namoota hariiroo qabaniin walargee kan ture gaazexeessaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeet qorannaa taasifameefin bilisa ta’uun mirkanaa’era.

Gaazexeessichi namicha vaayrasichi irratti argame waliin qunnamtii kallattii hin qabu.

Namicha vaayrasichaan qabame waliin namoota walarganiin ture kan walarge.

Namoota kanneenis kanarge guyyaa 12n dura ture.

Rakkoon fayyaa kan isa hin qunnamne yammuu ta’u, kaleessa ogeeyyiin Ministeera Fayyaa qorannaa taasisaniifiru.

Bu’aa qorannaatinis gaazexeessichi bilisa ta’uun mirkanaa’era.

Odeeffannoon dhimmicharratti karaa fuula miidiyaalee hawaasatiin tamsa’aa tures dogoggora ta’uu beeksisna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.