Fana: At a Speed of Life!

Gaazexeessitoonni Afaan Oromoo Dimtsa Wayyaanee ummata dhiifama gaafatan

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC) – Gaazexeessitoonni Afaan Oromoon Dimtsa Wayyaanee (DW international) irratti hojjetaa turan ummata dhiifama gaafatan.
Gaazexeessitoota Afaan Oromoon hojjetaa turan 4 keessaa 3 magaalaa Maqaleetti fedhii isaaniin Komishinii Poolisii Federaalaatti, Biiroo Miidiyaa fi qorannoo yakkaaf haala ture ilaalchisee ibsa laachuu Komishinichi beeksiseera.
Gaazexeessitoonni kunneen dhimmoota sabaaa fi sablamoota mootummaarratti kakaasuu fi walitti bu’iinsan uumaan irratti xiyyeeffachuun akka hojjetan dirqisiifamaa turuu dubbataniiru.
Dhimma filannoo sababa weerara vaayrasii koroonaan dheerate mormuu, badhaasni Noobeelii Muummee Ministiraa Dooktar Abiy sirrii akka hin taane, sosochii Dooktar Abiy hunda waan faallassu irratti xiyyeeffachuun Afaan Oromoon akka hojjetan dirqisiifamaa turuu ibsaniiru.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannicha keessatti gaggeeffaamaa tureen garee Juuntaa waliin socho’uun bakka ga’an hundatti akka hojjetan taasiifamaa turee himaniiru.
Gaazexeessitoonni kunneen garicha waliin ta’uun hojii badaa hojjetaa turaniif ummata dhiifama gaafachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.