Fana: At a Speed of Life!

Gabaan Oomisha Ityoophiyaa baatii Muddeetti Birrii biiliyoona 5.12 wal bichisiise

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Gabaan Oomisha Ityoophiyaa baatii Muddeetti oomishoota toonii kuma dhibba 1 fi kuma 1 fi 948 gatii Birrii biiliyoona 5.12 qaban wal bichisiise.

Gabaan Oomisha Ityoophiyaa oomisha akka saliixii, buna, boloqqee adii fi diimaa tooniin walbichisiisu danda’eera.

Baatii kana bittaaf kan dhiyaate saalixii toonii kuma 52 fi 598 Birrii biiliyoona 2.24 walbichisiisera.

Kan bara darbee waliin walbira yoo qabamu %34 calmaa agarsiisera.

Haaluma walfakkaatun boloqqee adiin toonii kuma 8 fi 565 Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 76 yoo walbichisiisu, maashoo adii ammoo toonii 100 Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 70 walbichisiisera.

Bunni tooniin kuma 30 fi 416 Birrii biiliyoona 2.47tti kan  gurgurame yoo ta’u, kan bara darbee waliin walbira yoo qabamu %10 caalmaa agarsiisera.

Gama biraatiin atarri toonii kuma 1 fi 876 gabaaf dhiyaasee Birrii miiliyoona 22 walbichisiisera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.