Fana: At a Speed of Life!

Gabaasni Komishinichaa amanamummaa kan hir’atu, adeemsa ogummaa kan hinhordofne fi fedhii siyaasaa kan qabuudha – Ambaasaaddar Zannabaa Kabbadaa

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Gabaasni Komishinii Mirgoota Namoomaa idil addunyaa amanamummaa kan hin qabne, adeemsa ogummaa kan hinhordofnee fi fedhii siyaasaa kan qabu ta’uu Jeneevaatti Ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Zannabaa Kabbadaan ibsan.

Manni Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walga’ii idilee Siwiizarlaand Jeneevaatti gaggeessaa jiruun Ityoophiyaarratti marii hirmaachisaa gaggeesseera.

Walga’icharratti gabaasni Komishinichaa haala mirga namoomaa Ityoophiyaa ilaalchisee dhiyaateera.

Gabaasichi amanamummaa kan hin qabne, adeemsa ogummaa kan hinhordofnee fi fedhii siyaasaa kan qabuudha jedhan Jeneevaatti Ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Zannabaa Kabbadaan.

Ityoophiyaan tumaalee mirga namoomaa idil addunyaa kan kabajdu ta’uu mirkaneessuun,gabaasichi mirga namoomaa daheeffachuun fedhii siyaasaa milkeessuuf kan kaayyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.