Fana: At a Speed of Life!

Galma damee qonnaa guutumatti ceesisuuf dhimmoonni akka itti fufiinsaa, saffisaa, baay’inaafi qulqullina ijoodha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) -Galma damee qonnaa guutumatti ceesisuuf dhimmoonni akka itti fufiinsaa, saffisaa, baay’inaafi qulqullina ijoo ta’uu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

Imaammanni jijjiiramaa teknooloojiiwwan baraa hidhachuu, akkasumas qorannoo saayinsaawaa irratti hundaa’uu gaafata jedhan.

Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaafi Yuunivarsiitilee naannoo Oromiyaatti argaman waliin hojjechuutti kan jirru yoo ta’u, Inistiitiyuutichi giddugala qorannoo heddu hundeessuun xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Qorannoo qonnaatiin teknoolojii qonnaa fedhii lammiilee bu’ureffatan, haala jijjiirama qilleensaa dandamatan, akkasumas omishaafi oomishtummaa dabalan dhiyeessuufi babal’dhisuu akkasumas fedhii odeeffannoo guutuun jiruufi jireenya qotee bulaafi horsiisee bulaa keenyaa jijjiiruuf hojjechaa jirra.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa waggoottan kurnee sadan darbanitti sanyiiwwan haaraa adda addaa gadi lakkisaa turus, kan bara kanaa baay’inaanis ta’ee qulqullina omishaatiin daraan olaanaadha. Barichatti teknoolojiiwwan midhaan nyaataa, midhaan al-ergiifi sanyii nyaata beeyladaa fayyadamummaa qotee/horsiisee bulaa mirkaneeessan haaraa 34 bu’a qabeessummaan isaanii qorannoon mirkanaa’e gadi lakkise jira. Kana keessaa 27 midhaan nyaataa akkasumas 7 nyaata beeyladaati.

Gosoota midhaanii gadi lakkifaman keessaa wabii nyaataa mirkaneessuu irratti, Qamadii, Garbuu, Ruuzii, Daagujjaa, Moosee, Mixaaxisha, al-ergii dabaluufi kan alaa galan bakka buusuu irratti, Buna, Qamadii Paastaa, Garbuu Biiraa, Sinsina, Shumburaa (Kabuli type), Boloqqee gosa adda addaafi mi’eessituuwwan akka Abasuudaafi Dimbilaalaa isaan muraasa.

Teknoolojiiwwan haaraa gadi lakkifaman kunneenis sanyii fooyya’aa omisha keessa jiru irraa caalmaa oomishtummaadhaa %10 kan qabaniidha. Akkasumas qabiyyeefi qulqullina warshaaleefi al-ergiif barbaachisan kan akka qabiyyee Zayitii, qabiyyee Pirootinii, Haalluu Sanyii (export seed color), gurguddina sanyii (export seed size), fi kkf caalmaa qabu.

Dabalataanis bakkeewwan hanqina roobaa qabaniif (Baha Oromiyaa) sanyiiwwan dafanii gahan; rooba gahaa qabaniif (Lixaafi Kibba Lixa Oromiyaa) jiidha dandamatan raabsamaniiru.

Keessumattuu al-ergiifi galii biyya keenya daran guddisuu keessatti qooda olaanaa kan qabu sanyii Bunaa haaraa, omishaafi omishtummaan isaa daraan olaanaa ta’e 2 qorannoo yeroo dheeraa booda bara kana walta’iinsa Giddugaleessota Qorannoo Qonnaa Machaaraafi Sinaanaatiin gadi lakkisuun danda’ameera.

Sanyiiwwaan bara kana raabsaman irratti Giddugaleessonni Qorannoo Qonnaa jaha (06) kan hirmaatan yoota’u, baay’ina sanyii haaraa gadi lakkifamaniin Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa akka biyyaafi naannootti sadarkaa 1ffaa akka qabatu dandeessisaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee qonnaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa kan jiru yoota’u, diinagdee randaafi itti fufiinsa qabu dhugoomsuuf qooda fudhattoota hunda waliin hojjechuu kan itti fufu ta’a.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.