Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni raawwii karoora Tajaajila Haadholii fi Daa’immanii Biyyaalessaa gaggeeffama jira

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Gamaaggamni raawwii karoora Tajaajila Haadholii fi Daa’immanii Biyyaalessaa gaggeeffama jira.

Gamaaggamni raawwii karoora Tajaajila Haadholii fi Daa’immanii Biyyaalessaa bara baajata 2012 magaalaa Adaamaatti gaggeeffama jira.

Gamaaggamicharratti hoggantoonni hojii ministeera fayyaa federaalaa fi hooggantoonni hojii biiroo fayyaa naannoo argamniiru.

Ministirri Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa akka ibsanitti weerarri vaayrasii koroonaa tajaajila haadholii fi daa’imanniirratti qormaata ta’uu kaasaniiru.

Waktii weerarichaa tarkaanfiiwwan fudhatameen hojiiwwan qormaataa fi balaa hir’isuu hojjetameera jedhan.

Ministeera Fayyaatti Daayrekatarri Fayyaa Haadholii, Daa’immannii fi Sirna nyaataa Dooktar Masarat Zalaalam gama isaaniin gaaffii fayyaa haadholii, daa’immanii fi sirna nyaataa deebisuuf waltajjii gargaaru ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.