Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awrooppaa vaayrasii koroonaa ittisuuf carraaqqii Ityoophiyaan taasiftuuf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 25 taasisuu ibse

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) –Gamtaan Awrooppaa vaayrasii koroonaa ittisuuf carraaqqii Ityoophiyaan taasiftuuf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 25 taasisuu ibse.
 
Gamtichi fuldurattis vaayrasicha ittisuuf carraaqqii Ityoophiyaan taasiftu akka deeggaru beeksiseera.
 
Biyyoonni miseensa Gamtaa Awrooppaa “#TeamEurope” jedhamu Ineesheetiivii hundeessu isaanii kan ibse gamtichi; Iniisheetiivichi biyyoota miseensa gamtichaa fi biyyoota gamticha waliin hariiroo qaban ittisa vaayrasii koroonaaf deeggarsa Yuuroo biiliyoona 20 ifoomseera.
 
Carraaqqii Ityoophiyaan ittisa vaayrasii koroonaa taasistu gama Iniisheetiivichaan deeggarsi akka ta’u Gamtaan Awrooppaa beeksiseera.
 
kanaanis Bara Faranjoota 2020tti damee fayyaa Ityoophiyaaf deeggarsi Yuuroo miiliyoona 200 akka taasifamu ibsameera.
 
Kana keessa Yuuroon miiliyoona 25 damee fayyaan ittisa COVID-19 irratti deebii ariifachiisa laachuuf kan gadi dhiifame ta’uu Ityoophiyaattii Biiroon Gamtaa Awrooppaa beeksiseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.