Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa dhimma Ityoophiyaa keessa galuuf fedhii kan hin qabne ta’uu beeksise

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu keessa galuuf gamtaan Awurooppaa fedhii kan hin qabne ta’uu ibseera.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin, Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa gamtaa Awurooppaa Janeez Leenaarchiich waliin Beeljiyeem Biraasalsitti wal arguun dhimma haala yeroo Ityoophiyaarratti mari’ataniiru.
Komishinarich wayita kana akka dubbatanitti gamtaan Awurooppaa duula hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu Ityoophiyaan yeroo ammaa gaggeessaa jirtu keessa galuuf fedhii hin qabu jedhan.
Ityoophiyaan biyya tumsa tarsiimoo gamtichaa ta’uu eeruun, duula olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwatamaa jiru keessatti mirgi lammiilee nagaa akka hin sarbamne of eeggannoo cimaan taasiifamuu akka qabu gaafataniiru.
Qajeeltoo seera mirga namoomaa fi haala qabatamaa jiru giddugaleessa godhachuun deeggarsa mirga namoomaa haala uwwisuun danda’amu ilaalchisee obbo Dammaqaan komishinarichaaf ibsa taasiisaniiru.
Lammiileen nagaa rakkoo hamaaf akka hin saaxilamnee fi deeggarsa mirga namoomaa qaqqabsiisuf mootummaan hojii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira itti aanaa Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.