Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa gaazii Raashiyaarraa argatu bakka buusuuf yoo xiqqaate waggoota sadii barbaachisa jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa gaazii Raashiyaarraa argatu bakka buusuuf yoo xiqqaate waggoota sadii akka barbaachisu Ejensiin Sadarkaa Idil Addunyaa beeksise.

Mooskoon dhiyeessii ishee kan addaan kuttu yoo ta’e, Hangaarii fi Rippaabilikiin Cheek hanqina gaaziin daran kan miidhaman ta’a jechuun Ejensichi beeksiseera.

Dhiyeessiin gaazichaa tasaa addaan cituun dhimma bu’uuraa miti jechuun eejensichi ibseera.

Yeroo ammaa Bulgaariyaa fi Poolaand dhiyeessiin gaazii kan irraa cite yoo ta’u, dhiyeessiin biyyoota miseensota gamtichaa biroo hir’achuu eerameera.

Baatii Eblaa darbe Raashiyaan biyyoota gaazii bituu fedhan maallaqa Raashiyaan akka bitanii gurguran gaafachuun kan yaadatamuudha.

Kana hordofees ajaja Raashiyaa kana hinraawwannuu jedhan irraa dhiyeessii gaazii addaan kutuu fi biyyoota muraasarraa hir’isuun ishee ni yaadatama.

Baatii keessa jirru gara jalqabaas gaazii Jarmaniif dhiyeessitu “sababa rakkoo teekinikaan” jechuun dhiyeessii gaazii %60 hir’isuu RT gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.