Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaas ta’ee Afrikaatti balaa muudatu ittisuuf deeggarsa kan taasisu ta’uu ibsame

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaas ta’ee Afrikaatti balaa muudatu ittisuuf deeggarsa Faayinsaansii fi teeknikaa kan taasisu ta’uu Komishinarri bulchiinsa walitti bu’iinsaa gamtichaa Jaaneez Leenaachiich ibsaniiru.
 
Gamtichi buqqa’iinsa biyya keessaa deebisuu fi weerara hoomaa Awwaannisaa ittisuuf deeggarsa ni taasisa jedhan.
 
Weerarri hoomaa Awwaannisa Gammoojjii, vaayrasiin koroonaa, gogiinsii fi walitti bu’iinsi ardichatti irra deddeebiin muudachuun rakkoo ta’uu isaa himaniiru.
 
Gamtaan Arwurooppaa rakkoolee Afrikaas ta’ee Ityoophiyaatti muudatu furuuf deeggarsa ariifachiisaa taasisu irra darbee rakkicha hundeerraa fufuuf deeggarsa Faayinaansii fi Teeknikaa ni taasisa jedhan.
 
Ityoophiyaatti filannoon haqa qabeessa ta’e akka gaggeeffamuu fi tasgabbiin akka bu’u murannoon ni hojjeta jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.